Mordoqiiyos

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Mordoqiiyos balbala dura ta' ee, WAAAYYOOn eeggate
Yeroon isa geenyaani WAAQAYYOO isa yaadate
Balbala duraa kaasee, barcuma mootii irra baase.
WAAQAYYOO harr' as Gooftaa dha, turi isa eeggadhuu
Gaaf tokko ni yaadatamtaa tuffatamtee hin haftuu.

Baay' isee guddaa aare, Haamaan Mordokiiyositti
Fuula Haamaan duratti wanta inni hin sagadiiniif
Mordokioyos garuu hin seesine WAAQA amanate beeka
Dheekamsa Haamaatinis gonkuma hin sochone ka.
Atis har' a hin socho' in
Doorsisa dinaaf jettee asii fi achi hin mil' atin.

Haamaan kan mari' ate mar' en isaa hin haafe
Mordokiiyos hin ballessine hameenya inni itti yaade
Waaqni Mordokiiyos seenaa isaa dubbisiise
Muka fanno isaa irrattis Haamaa dhuma fannise.
Atis har' a eegi Gooftaa ke
Si tuffatee si hin dhiisuu ni dubbisa seenaa ke.

Gaafa guyyaan isaa ga' u Mordokiiyos yaadatame
Balbala duraa ka' ee mooticha bira taa' e
Gooftaa isaa eegachuun ulfinaan isa ga' e
Obsuun gaarii akka ta' ee Mordokiiyos ni hubate.
Atis harra obsii, obsii
Wanta hundumaa danda' udhaan dabarsi.

Itti ofgatii Gooftaatti innoo ol siqabaa ti
Doorsisa diina keetiin iddoo kee gad hin dhiisiin
Achuma turii eegi WAAQ kee si yaadata
Qooda tuffatamu kee dachaa torba sii laata.
Eegaa har' a rakkina obsi
Ija kee ol-fudhadhuu abdii kee borii ilaali.