Michu Gaafa Dhibee

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Michuu gaafa dhibee fi guyyaa gaddaa
          Na wajjin kan dhiphatu yeroo hundaa
          Xinnummaa koo ilaalee na hin tuffatu
          Fira argadheera kan na jaallatu

YESUS kan jedhamu michuu gorsaa
Nagadhaan kan guute jaalalli isaa
Abbaa argadheera kan na hin dhiifne
Bara-baraan kan na hin irraanfanne

          Michuu gaafa dhibee fi guyyaa gaddaa
          Na wajjin kan dhiphatu yeroo hundaa
          Xinnummaa koo ilaalee na hin tuffatu
          Fira argadheera kan na jaallatu

Ijoolleen Waaqayyoo ni beekamu
Yeroo hundaa jaalalaan argamu
 Mootummaa Waaqayyoo ni abdatu
Jireenya hin dhumne ni argatu

          Michuu gaafa dhibee fi guyyaa gaddaa
          Na wajjin kan dhiphatu yeroo hundaa
          Xinnummaa koo ilaalee na hin tuffatu
          Fira argadheera kan na jaallatu

YESUS jaallatama kan naa duute
Teessoo kee waaqa irraa dhiiftee dhuftee
Maqaan kee haa ulfaatu, ol ol jedhee
Jaallatamoo ijoollee nu godhattee

          Michuu gaafa dhibee fi guyyaa gaddaa
          Na wajjin kan dhiphatu yeroo hundaa
          Xinnummaa koo ilaalee na hin tuffatu
          Fira argadheera kan na jaallatu